Fana: At a Speed of Life!

Erling Haalaand tapha Liigii biyyaalessa irratti taphataa biyya isaaf galchii hedduu galche ta’uun rikaardii qabate

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) –Taphataan umurii waggaa 24 Erling Haalaand tapha Liigii biyyaalessa irratti taphataa biyya isaaf galchii hedduu galche ta’uun rikaardii qabate.

Taphataan sarara fuulduraa Maanchiister Siitii Haalaand tapha Liigii biyyaalessa Noorweey Islooveeniyaa 3 fi 0 injifatte irratti umurii isaa waggaa 24tti rikoordii taphataa Noorweeyiif galchii hedduu galchuu cabseera.

Jalqaba tapha kanaa irratti goolii idil addunyaa 33ffaa daqiiqaa 7tti galchuun rikoordii Joorji Juuvee bara 1920 fi 1930 keessa galmeesse kan qooddate yoo ta’u itti aansuunis boqannaa booda daqiiqaa 62ffaa irratti Noorweeyiif goolii 34ffaa isaa galche.

Haalaand bara 2019 Noorweey keessatti yeroo jalqabaaf kan taphate yoo ta’u, taphoota 36 qofa taphachuun rikoordii galmeessuu BBC fi ‘The Independent’ gabaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.