Fana: At a Speed of Life!

Ergamtoonni Ijiptii fi ABUT Ityoophiyaa fi Sudaaniin qooduuf shira xaxaa jiru- Xiinxalaa Siyaasaa Ameerikaa

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Ergamtoonni Ijiptii fi ABUT Ityoophiyaa fi Sudaaniin qooduuf shira xaxaa jiraachuu Xiinxalaan Siyaasaa Ameerikaa Andiriiwu Kooriibkoon ibse.

Kaayiroon adeemsa qoqqoodanii bituu hordofuun Sudaanii fi Ityoophiyaa qoqqooduun naannawichatti olaantummaa ishee mirkaneessuuf haalota mijatoo uumuuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Za Ikoonoomist xumura baatii caamsaa darbe Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti waraana kaasuuf oduu sobaa tamsaasuu yaadachiisuun, kunis yaada shiraa kan of keessaa qabu ta’uu ibseera.

Loltoonni Sudaan xumura baatii darbee gara Ityoophiyaa seenuu yaadachiiseera.

Kana hordofees Sudaan Ityoophiyaa dubbii barbaaduun biyyoonni lameen waraanaaf qarqararra ga’anii turuu ibseera.

Dhimmichaan walqabatee Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ergaa uummata Sudaaniif dabarsaniin uummanni biyyoota lameenii obboloota ta’uu kaasuu isaanii eereera.

Uummanni biyyoota lameenii garaagarummaa isaanii karaa nagaan hiikuun lammiilee isaanii misoomarratti hirmaachisuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf abdii qaban ibsuu eereera.

Dhugaan jiru Ijiptii fi ABUT maqaa deeggarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggarsa dhoksaan dhiyaatuufiin Ityoophiyaa fi Sudaan qoqqooduufi bituuf shira xaxame ta’uu eereera.

Yeroo kamiyyuu taanaan garee shorokeessaa ABUTiin deeggaruun yaada hamaa ta’uu kaasuun, gooftoliin isaanii akka yaadan osoo hin taane yoomillee taanaan mootummaa kuffisuun kan hin danda’amne ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.