Fana: At a Speed of Life!

Ergama nagaa kabachiisuu Idil Addunyaa addaan cite ture itti fufsiisuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ergama nagaa kabachiisuu Idil Addunyaa addaan citee ture itti fufsiisuuf waliigalteerra ga’uu beeksiseera.

Bara Faranjootaa 2020 sababa rakkoo nageenyaa fi weerara vaayirasii Koronaa Ityoophiyaatti mudateen addaan cite kan ture ergama nagaa kabachiisuu Idil Addunyaa itti fufsiisuuf Poolisin Federaalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’achuun waliigalteerra ga’eera.

Koomishnarri Jeneralaa Poolisii Federaalaa Dammallash Gabiramikaa’el, bobbii raawwii ergama nagaa kabachiisuu Idil Addunyaarratti Finfinneetti mari’ataniiru.

Bu’uura waliigaltee taasifameetiin, ergama nagaa kabachiisuu Idil Addunyaa itti fufsiisuuf yuunivarsiitii poolisiitti ga’umsa qondaaltota poolisii leenjii bobbii duraa fudhatan madaaluuf qophii xumuramuun marichaan ibsameera.

Qondaaltonni poolisii, Poolisii Federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa lameen akkasumas Koomishinii Mana Amala Sirreessaa Fedraalaa irraa baba’an madaallii nagaa kabachiisuu fudhachuuf qophiirraa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.