Ergaa itti aanaan preezdaantii MNO obbo Shimmallis ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun dabarsan
Finfinnee, Amajjii 10, 2012 (FBC) – Ergaa itti aanaan preezdaant Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun dabarsan.
Duraan dursee, hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoo fi biyya keenyaa hundaan baga ayyaana Cuuphaa bara 2012 nagaan geessan jechuun fedha.
Ayyaanni guddaan hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti sirna adda addaatiin kabajamee oolu kun xumura bara Faranjootaa 2019tti qabeenya idil addunyaa ta’ee galmee galmee Dhaabbata Barnooa, Saayinsii fi Aadaa/ UNESCO/ irratti galmaa’uun isaa kabaja ayyaana Cuuphaa bara kanaa caalmaatti kan miidhaqsee dha.
Ayyaanni cuuphaa hordoftoota amantaa kirstaanaa biratti mallattoo addaa duuka buutummaa Yesuus Kiristoos ta’uun isaa lallabamu kun, fakkeenya araaraa, jaalalaa fi tokkummaa dhala namaa ta’uu isaatu himama.
Yesuus Kiristoos dhala namaa waanjoo cubbuufi du’a bara baraa jalaa baasuudhaaf Afuura Qulqulluurraa dhalatee erga guddatee booda, galaana Yoordaanositti harka Yohaannis cuuphaatti cuuphamuudhaan duuka buutummaa akka labsetu barsiifama.
Cuuphaan waadaa duuka buutummaati. Fakkeenyi duuka buutuu ammoo uumaa dha. Duuka buutonni ammoo uumama abboommiifi kakuu uumaa isaanii raawwachuudhaaf waadaa isaanii haaromsanii dha. Kanaafuu, duuka buutummaan araaraafi amanamummaa akka ta’etu lallabama.
Akka barsiisa amantaatti, duuka buutuun araaraafi dhiifama kan godhuufi kan lallabu, uumaa isaa kan ulfeessuufi dhala namaa kan jaallatuu dha. Jaalalaafi abboomamuun guduunfaa hariiroo uumaafi duuka buutotaa waan ta’eef, qajeelfama ittiin bulmaataa yeroo maraa ta’ee tajaajila.
Sirni ayyaana cuuphaa mallattoo gamtoominaa, nageenyaafi miidhaginaa ummata keenyaa ta’e kun, har’as dirree nageenyi, jaalalli, araarriifi waliigalteen itti lallabamu ta’ee tajaajilaa jira. Ummanni waggoottaniif mil’uufi rifaasuu malee sirna miidhagaa kana kabajachaa har’a ga’e kun ammas sirnichi akka boora’u hin fedhu; hin eyyemus.
Mallattoo nageenyaa, tokkummaafi wal danda’uu kan ta’e ayyaanni cuuphaa ummata biyya keessaa bira darbee, hawwata tuuriizimii ta’ee tajaajilaa jira. Ayyaana hordoftoota amantaa Kiristaanaa bira darbee, hawaasa hunda hirmaachisuufi sirnoota heddumminaafi miidhagina keenya mul’isaniin bareedee oolu kanarratti tuuristoonni biyyoota addunyaa garaa garaa akka hirmaatan ni beekama.
Kanaafuu, nageenyummaan ayyaana cuuphaa madda galiifi dinagdee biyya keenyaati. Meeshaa murteessaa ibsituu nageenyummaa ummata keenyaati. Simboo wal danda’uufi waliin socho’uu amantaawwaniiti. Mallattoo duudhaa waloo sab-daneessummaa biyya keenyaati. Idaa’amnisaa ammoo meeshaa dippilomaasiifi maqaa gaarii biyyaafi ummata keenyaa akka ta’e yaadachiisuun fedha.
Carraa kanatti fayyadamee irra deebiidhaan baga nagaan geessan yammuun jedhu, dhaamsa gurguddaa lama dabarsuun fedha. Dursarratti, barannoowwan amantaafi aadaawwan keenyaa hedduun jaalala, tokkummaa, araaraafi waliigaltee lallabu. Walitti dhufeenyaafi waliin jireenya jajjabeessu.
Haa ta’u malee, dhiibbaawwan ammayyummaafi sababoota adda addaatiin duudhaalee amantaawwaniifi aadaawwan irraa fudhanne dagataa deemuudhaan barsiifatoota ergisaatti fayyadamuu eegaluun keenya waan qabnu hedduu nu dhabsiisaa jira. Kanaafuu, duudhaaleefi beekumsa keenya sirnaan xiinxaluudhaan ijaarsa biyyaafi ummataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf akka hojjennu dhaamuun barbaada.
Itti aansee, buleeyyiifi hayyuuwwan amantaawwanii dhaga’uun mallattoo uumaaf abboomamuuti. Jaalala lallabuufi araara buusuun ammoo dhuka waliigaltee biyyaalessummaati. Idaa’amnisaa nageenya amansiisaa mirkaneessuufi badhaadhina dam-daneessa dhugoomsuu dha.
Kanaafuu, ayyaana cuuphaa bara kanaa wayita kabajnu, kaleessa keenya yaadachuun duudhaalee jaalalaafi tokkummaa cimsachuun barbaachisaa dha. Araara busuufi dogongoroota sirreessuudhaan biyya hunda keenyaaf mijooftuu taate akka ijaarruuf waliin yaa hojjennu jechaa, irra deebiin baga geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada.
Ayyaana nagaa, kan gammachuufi badhaadhinaan isiniif hawwa!