Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma Koriidarii Magaalaa Bahiirdaar ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Hojiilee misooma Koriidarii magaalaa Bahiirdaar daawwadheera jedhan.

Uumamnii fi ogummaan namaa waliin qindoomuun miidhagina magaalaa Bahiirdaar caalmaatti dabalaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalicha giddugala Daldalaa fi Tuurizimii gochuuf tattaaffii hoggansi taasisurraa wantoonni hedduun barachuu qabnu jira jedhan.

1. Bahiirdaar qormaata keessatti cichoomuun magaala Fakeenyaa taateedha.qormaatileen waggoottan darban keessa turan amma darbaa jiru.Qormaata keessattis hojii ishee adda hin kunne. Dhagaa qormaataaf darbataman ijaarsaaf fayyadamte.

2.Banamuun Xaanaa ibsituu qajeeltoo walitti hidhamiinsaati. Hojiilee misoomaa walitti hidhuu fi galtee walii taasiisuu akka qabnu Misoomni Koriidarii Magaalaa Bahiirdaar fakkeenya. Iddooleen Xaanaa waggoota hedduuf Magaalichaan adda bahanii turan misooma Koriidariin wal qunnamaniiru.kunis bakka bashannanaa ta’uura darbee magaalichaaf haala qilleensaa mijataa uumeera.

3. Duudhaalee turanirratti duudhaa haaraa dabaluu.daandii ida’amuun Badhaadhina mirkaneessuuf duudhaalee turanirrattii haaraa dabaluu qabna.Bahiirdaar Laga Abbaayyaa fi Xaanaa kan wal qunnamsiisuudha.
Mukeen jaarraa walakkaa ol lakkoofsisna qabdi.kanarratti misooma Koriidarii dabaluun caalmaatti miidhagduu taasiiseera.

4.Meeshaaleen misooma Koriidarii magaalaa Bahiirdaariif oolaan hedduun isaanii dhaabbilee naannawaa fi ogeeyyiin kan qophaa’aniidha.Yeroo itti aanus kalaqaa fi ogummaa naannawaan fayyadamuun caalmaatti babal’achuu qaba.

5.Bahiirdaar giddugala Ispoortii fi hambaalee Tuuriziimii taasiisuun iddoolee seenaa qabeeyyii naannawaa Hara Xaanaatti argaman, buufataaleen laga Abbaayyaa fi Xaanaarratti hojjetaman, bakkeewwan bashannanaa, Istaadiyeemii, Riqicha ammaayyaa Abbayyaa fi misoomni biroon magaalaa Bahiirdaar giddugala Tuurizimii 22ffaa taasiisaa jiru.

6. Fakkeenyummaa Hoggansaa:- Hoggansi Hojjetee hojjechiisuun dura bu’aa ta’uu qaba. Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa naannawaa waajjira isaanitti hojiin misooma Koriidarii hojjetan fakkeenyaa fi barnoota kan ta’uudha.

Bahiirdaar magaala kana caalaa hojjechuu dandeessudha.kunis kan jalqabaa malee kan dhumaa miti. Cichoomina aadeessuu, naannawaa misoomaniif eegumsa gochuu, dhaabbilee fi naannawaan akka jijjiiraman murannoon hojjechuu, Daldala, Tuurizimii fi Invastimantii caalmaatti jajjabeessuun ummataa fi hoggansaarraa eegama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.