Fana: At a Speed of Life!

Emireetoonni Araba Gamtoomanii rakkoon daangaa Ityoo – Sudaan karaa nagaan akka furamu waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Emireetoonni Araba Gamtoomanii rakkoo daangaa Ityoo – Sudaan mariin furuun naannichaaf gaarii ta’uu ibsiteerti.
Ministeerri Dhimma Alaa fi Hariiroo Idila Addunyaa biyyattii ibsa baaseen rakkoon daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti tibbana uumame karaa nagaan akka furamu hawwii qabaachuu ibseera.
Emireetoonni Araba Gamtoomanii Ityoophiyaa fi Sudaan waliin hariiroo cimaa qabaachuu ministeerrich ibseera.
Tasgabbiin daangaa biyyoota lamaanii badhaadhina naannichaaf furtuu ta’uu eereera.
Garaagartee uumame mariin furuun barbaachisaa ta’uu Ministeerichi ibsa baaseen himeera.
Biyyoonni lameen hariiroo fi michummaa dursuun garaagartee jiru mariin furuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.
Ityoophiyaan gama isheen dhimmicha bifa tasgabbiin ilaaluun mariin akka furamuuf hojjechaa turteerti.
Sudaan gara mariitti akka dhuftu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa kaleessa laataniin hubachiisuun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.