Emireetoonni Araba Gamtoomanii Isiraa’eeliitti Imbaasii bante
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Emireetoonni Araba Gamtoomanii Isiraa’eeliitti Imbaasii banuu ibsameera.
Imbaasichi biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii haaromsuuf waliigalanii yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti banamuu himameera.
Sirna baniinsa Imbaasichaarratti Preezdaantiin Haaraan Isiraa’eel Ayizaak Heerzoogii fi Isiraa’eelitti Ambaasaaddarri Emireetoota Araba Gamtoomanii Mohaammad Al Kaajaa argamaniiru jedhame.
Waliigalteen Emireetoota Araba gamtoomanii waliin taasiifame waliigaltee seenaa qabeessa ta’uu Preezdaant Ayizaak Heerzoog ibsaniiru.
Banamuun Imbaasichaa hariiroo biyyoota lamaanii guddachaa jiruuf galtee olaanaa ta’uu Isiraa’eeliitti Ambaasaaddarri Emireetoota Araba Gamtoomanii Mohaammad Al Kaajaa eeraniiru.
Isiraa’eel baatii darbe Emireetoota Araba Gamtoomaniitti Imbaasii banuun ishee kan yaadatamuudha.
Adeemsi kun hariiroo diinagdee fi hawaasummaa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu dubbatameera.
Maddi:- Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.