Embaasiin Ityoophiyaa Izlaamaabaad eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Embaasiin Ityoophiyaa Paakistaan magaalaa Izlaamaabaad eebbifame.
Biyyoonni lameen yeroo dhihoon asitti dameewwan garaagaraan hariiroo isaanii cimsaa jiraachuu ibsameera.
Guyyoottan dura Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii kallattii gara magaalaa Kaaraanchiitti eegaluu fi guyyaa har’aa ammoo Eembaasiin Ityoophiyaa waggaa tokko dura magaalaa Izlaamaabaaditti baname eebbisiifamuu eerameera.
Eembaasicha eebbisiisuun kan banan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaafi Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Paakisataan Hiinaa Raabiinii Kahaan ta’uu ibsameera.
Eebbi embaasichaa hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaafi Paakistaan keessatti boqonnaa haaraa kan bane ta’uu Ambaasaaddar Misgaanuun eeraniiru.
Ityoophiyaafi Paakistaan dhimmoota waloorra darbee dhimmoonni idil addunyaa waliin hojjetan hedduun jiraachuu yaadachiisuun, embaasichi banamuun hariiroo biyyoota lameenii guddisuufi cimsuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Hariiroon daldalaa, invastimantiifi uummataa eegalame akka cimuuf embaasichi kan hojjetu ta’uufi hariiroo jiru cimsuuf mootummaan Ityoophiyaa kutannoo qabaachuu dubbataniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan Hiinaa Raabiinii Kahaan gamasaaniin, Ityoophiyaafi Paakistaan rakkoolee misoomaafi diinagdee walfakkaata kan qaban ta’uu ibsuun, rakkoo kanaaf furmaata waloo barbaaduuf tumsa isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Finfinneen teessaa Gamtaa Afrikaa waan taateef Embaasiin Ityoophiyaa Izlaamaabaaditti banamuun hariiroo biyyoota lameeniirra darbee hariiroo Paakistaan Afrikaa waliin qabduuf gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Paakistaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Jamaal Bakar, Embaasichi yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti eebbaaf akka gahuuf deeggarsa mootummaan Paakistaan taasiseef galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.