Fana: At a Speed of Life!

Elsaalvaadooritti loltootni mootummaa hidhannoo guutudhaan Paarlaamaa seenan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Elsaalvaadooritti loltootni mootummaa hidhannoo guutudhaan Paarlaamaa seenan.

Loltootni kun liqaan Doolaara miiliyoona hedduu hidhannoo isaanii fooyyessu akka ragga’uuf gaafataniiru.

Preezidaantichi hidhannoo loltoota mootummaa cimsuuf liqaan akka ragga’u nan hojjadha jedhaniit turan.

Mormitoonni biyyatti loltootni mootummaa hidhannoo guutuun paarlaamaa keessa galuun waan ta’ee hin beekne jedhan.

Dabalataanis, gochi kun sodaachisuun wixinichi akka ragga’u taasisuudha jedhaniiru.

Elsaalvaadoor addunyaarratti biyyoota yakki nama ajjeesuu itti heddumaatu keessaa tokko.

Yakkoonni kun harki caalaan garee namoota hidhatanii giddu gala Ameerikaa keessatti socho’aniin raawwatama.

Preezidaantiin biyyattii kun bara Faranjoota 2019 ture aangoo kan qabatan.

Hokkora gareelee gurmaawaniin raawwatu hambisuuf nan hojjedha jedhaniit turan.

Maallaqni paarlaamaan akka raggaasu gaafatame bittaa konkolaattota poolisii, uffata dambii fi hilikooptaraaf oola jedhameera.

Miseensonni paarlaamaa biyyattii hedduun garuu wixinee seeraa kana irratti mari’achuu hin feene.

Maddi: BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.