Fana: At a Speed of Life!

Eloon Mask waligaltee Doolaara biiliyoona 44 Tiwitarii bituuf ture haqe

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Eloon Mask waligaltee doolaara bil. 44n Tiwitarii bituuf ture haquu gabaafame.

Eloon Mask miidiyaa hawaasummaa Tiwiitarii doolara biliyoona 44’n bituuf waligaltee deemsisaa ture, sababa qabxiileen waliigaltichaa hedduun hin kabajamne jedhuun haqeera.

Dureesssi addunyaa kun Eebla keessa erga Tiwiitarii bituuf murteessee booda, adeemsa dheeraa ture keessatti beeksisni kun jijjiirama isa haaraa ta’uu ibsameera.

Eloon Mask waligalticha kan haqe Tiwiitarri lakkoofsa akkaawontiiwwan sobaa irratti odeeffannoo ga’aa waan hin kennineef ta’uu ibseera.

Tiwiitarri gama isaan waligalticha mirkaneessuuf tarkaanfii seeraa fudhachuuf karoora qabaachuu ibseera.

“Boordiin Tiwiitarii dhimmoota fi kaffaltii Eloon Maskii waliin irratti waliigalame mirkaneesse xumuruuf kutateera,” jechuun hogganaan Tiwiitar Bireet Taaylor fuula Tiwiitaraa isaa irratti barreeseera.

Kun ammoo qaamolee lamaan gidduutti lolli seeraa walxaxaa fi dheeraa akka uumamu gochuu mala.

Waligaltee isa jalqabaa keessaa, yoo waligalteen cabe kaffaltiin Doolara biiliyoona 1 akka jiraatu qabxiin eeru jiraachuu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.