Fana: At a Speed of Life!

Elan Maaski adeemsa bittaa Tiwiitaraa xumuran

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Elan Maaski miidiyaa hawaasummaa Tiwiitara Doolaara biiliyoona 44’n bituuf adeemsa bittaa eegalan xumuraniiru.

Abbaa qabeenyaa adda duree addunyaa kan ta’an, Elan Maaski adeemsa bittaa Tiwiitaraa xumuruu miidiyaalee Ameerikaa fi abbootii qabeenyaa dhaabbatichaa wabeeffachuun BBC’n gabaaseera.

Elan Maaski dhimmicha ilaalchisuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti “Simbirrittiin bilisa baate” jechuun Tiwiitara kan dhuunfaa isaanii taasifachuu eeraniiru.

Maaski adeemsa bittaa Tiwiitaraa xumuruu hordofee hoji gaggeessaa dhaabbatichaa dabaltee qondaaltotaa hojii olaanoo biroo hojiirraa gaggeessuun gabaafameera.

Haa ta’u malee, xumuramuu adeemsa bittaa Tiwiitaraa ilaalchisuun hanga ammaatti wanti himame kan hinjirre ta’uu gabaasichi eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.