Fana: At a Speed of Life!

Eksipoo Dubaayitti mariin damee qonnaa Ityoophiyaarratti xiyyeeffate gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Eksipoo Dubaay 2020tti mariin damee qonnaa Ityoophiyaarratti gaggeeffame.

Waltajjicharratti kan hirmaatan Komishinarri Komishinii Invastimantii Lalisee Namee,fooramiin invastimantii damee Ityoophiyaarratti xiyyeeffachuun gaggeeffame bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjichaan Ityoophiyaan damee qonnaan dandeetti guddaa kan qabdu ta’uu beeksisuu dandeenyeerra jedhan.

Dhaabbileen gurguddoon damechaan Ityoophiyaa hojii nnvastimantiirratti bobba’uuf fedhii argisiisuu kaasaniiru.

Sekteroota garaagaraan fooramiiwwan akka kanaa kan jiraatan ta’uu kaasuun invastimantiiwwan Ityoophiyaa jijjiiruu danda’an ni dhufu jennee abdanna jedhaniiru.

Eemireetota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Suuleeymaan Daddafoon gamasaaniin Carraawwan gaggaariin gama daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaatiin jiran hirmaattota Eksipochaa fi abbootii qabeenyaa Eemireetota Araba Gamtoomaniif beeksifamuu ibsaniiru.

Feevan Bishawu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.