Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoon Chaayinaan jijjiirrama qabeenya Qilleensaa fi Faallama Naannoo dandamachuuf qabdu kan dinqisiifamu – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ejjennoo Chaayinaan jijjiirrama qabeenya Qilleensaa fi Faallama Naannoo dandamachuuf qabdu dinqisiifataniiru.
Chaayinaan gadi lakkifama kaarbanii hir’isuuf Fooramii Misooma Taayiyuu’an Inarjii Kaarbanii 2021 mata duree ‘Iinarjii, Qabeenya Qilleensaa fi naannoo’ jedhuun gaggeessiteerti.
Foormii kanarratti Viidiyoo Konferasiin kan hirmaatan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen, ejjennoo Chaayinaan jijjiirrama qabeenya Qilleensaa fi Faallama Naannoo dandamachuuf qabdu dinqisiifataniiru.
Ityoophiyaan bara 2030tti uwwisa elektirikii hunda galeessa sadarkaa biyyaalessaa milkeessuuf sagantaa haaraa qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Preezdaant Saahilawarq ejjennoo tumsa idil addunyaa cimsuu fi Jijjiirrama qabeenya Qilleensaa fi faallama naannoo dandamachuuf Beenjiing qabdu dinqisiifataniiru.
Yeroo rakkisaa kanatti Tiraanisfoormeeshinii misooma magariisaa mirkaneesuuf biyyoonni addunyaa tumsaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.