Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoo Raashiyaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee qabatteen Ityoophiyaan gammadduudha – Ambaasaaddar Alamaayyoo

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Ejjennoo Raashiyaan haala waqtaawaa Hidha Haaromsaa fi naannoo Tigraayirratti qabatteen Ityoophiyaan gammadduu ta’uu Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyoo Taganuun ibsaniiru.
Ambaasaaddar Alamaayyoon Tajaajila Oduu Raashiyaa waliin turtii taasiisan haala waqtaawaa Naannoo Tigraay,Hidha Haaromsaa fi Talaallii ittisa vaayrasii koroonaa ilaachisee ibsa bal’aa laataniiru.
Hojiilee mootummaan naannoo Tigraayiitti hojjetaa jiru hoggantoota Raashiyaa sadarkaan jiraniif ibsi laatamuu eeraniiru.
Dhimmi naannoo Tigraay dhimma keessoo biyyattii ta’uu isaan Ityoophiyaan giddugaltummaa tokko malee ofiif furachuu qabdi ejjennoo jedhu akka qabaattu taasiifamuu dubbataniiru.
Ejjennoon Raashiyaan Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee giddugaltummaa tokko malee akka furatti deeggarsa taasiisun ala tattaafficha balaaleffachuu dhabuun ishee waan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Ejjennoon Raashiyaan dhimma Hidha Haaromsaarratti qabattees kan isaan gammachiise ta’uu Ambaasaaddar Alamaayyoon ibsaniiru.
Dhimmi Hidhichaa marii qofaan karaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka furamu taasiisuun filannoo tokkoof tokko qofa ta’uu Raashiyaan ni amanti jedhan.
Ityoophiyaan talaallii Covid -19 Raashiyaatti oomishamu ‘ispuutiniik’ jedhamu yeroo dhiyootti akka argattu kan amantu ta’uu turtii miidiyaalee biyyattii waliin taasiisanii eeraniiru.
Talaallii kan gara biyya keessaa galchuuf mootummaan Ityoophiyaa murteessuu Ambaasaaddar Alamaayyoon dubbataniiru.
Yeroo ammaa dhimmoonni teeknikaa mursaani qofti hafuu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.