Fana: At a Speed of Life!

Ejensiin mirkaneessa ragaa bu’uuraa magaalaa Finfinnee tajaajilawwan labsii yeroo ariifachiisaan dhorkamanii turan eegaluuf ta’uu ibse

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Ejensiin mirkaneessa ragaa bu’uuraa magaalaa Finfinnee tajaajilawwan labsii yeroo ariifachiisaan dhorkamanii turan wiixata dhufurraa  eegaluun kan kennaman ta’uu  ibse.

Ejensichi kanaan dura sadarkaa biyyaalessaatti dhorkamanii turan tajaajila waraqaa eenyummaa haaraa irraan kan hafe tajaajilawwan biroon Guraandhala 14,2014 irraa eegalee kan kennaman ta’uu  beeksiseera.

Haaluma kanaan kutaalee magaalaa hundatti akkaataa sagantaa aanaaleen ba’een jiraattonni magaalichaa keessumsiifamuu kan danda’an ta’uu ibsamuu ragaan ejensicharraa argame ni mul’isa.

hawaasni hanna fi hojii burjaajjii sanada fakkeessanii hojjechuu akka ittisuuf waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.