Fana: At a Speed of Life!

Ejensiin Nageenya Odeeffannoo fi AriifPeey sirna kaffaltii diijitaalaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Ejensiin Nageenya Odeeffannoo fi AriifPeey sirna kaffaltii diijitaalaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Ejensichii fi dhaabbatichi  haala kaffalttii diijitaalaarratti waliin hojjechuu danda’anirratti waliigaltee waliif mallatteessuu ibsameera.

Ejensichi dhimmoota hawaasa ni fayyada jedhurratti dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin kan hojjetu ta’uu ejensichatti daayreektarri Pilaatfoormii kaffaltii Diijitaalaa Daraash  Biruuk Waldayyas ibsaniiru.

Kanaaf ammoo waliigalteen dhaabbata Ariifpeey waliin taasifame agarsiistuu ta’uu kaasaniiru.

Hojii raawwachiisaan dhaabbata Ariifpeey Habtaamuu Taaddasaa gamasaaniin, waliigalteen mallatteeffame hirkattummaa daddabarsa maallaqaa kan hir’isu ta’uu ibsaniiru.

Maamiltoonni kaffaltii si’ataa fi nageenyummaansaa eegame akka taasisaniif kan gargaaru ta’uus kaasaniiru.

Pilaatfoormiin kaffaltii Diijitaalaa Daraash baankiiwwan 16 fi dhaabbilee maallaqaa biroo 10 waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ragaan ejensicharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.