Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi Motor Saaykiloota kuma 1 naannoolee fi bulchiinsota magaalaaf kenne

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Ejansiin Imigireeshinii Lammummaa fi Galmeessa Ragaalee Bu’uraa Motor Saaykiloota kuma 1 naannoolee fi bulchiinsota magaalaa hundaaf kennuu beeksise.

Motor Saaykiloonni kunneen deeggarsa Baankii Idila Addunyaa Miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 2 fi kuma dhibba 5 fi kuma 24 fi Birrii 400 fi mootummaan miiliyoona 56 fi kuma 38 fi Birrii 156 qaraxarraan bilisaan kan bitaman ta’uu ibsameera.

Kanaanis naannoolee fi bulchiinsota magaalaa hundaatti kenniinsa tajaajjila galmeessa ragaalee bu’uuraa saffisiisuu fi ammayyaa’a taasisuuf kan gargaarudha jedhameera jechuun Sisaay Geetnattu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.