Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi miidhaa saayberii Gibtsiin aggaamame fashalaa’uu  beeksise

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) –Ejansichi miidhaa saayberii Gibtsiin aggaamame fashalaa’uu  beeksise.

 

Ejansii Odeeffannoo fi Nageenyaa Ityoophiyaa Waxabajjii 10, 12, 13 fi 14 teessoo isaa Gibts kan godhate yakkamtoonni saayberaa Ityoophiyaatti dhiibbaa diinagdee fi siyaasaa uumuuf miidhaan saayberii aggaamame fashalaa’uu beeksiseera.

 

Yaaliin miidhaa saayberii aggaamame Hoorus giruup, anuubis doot haakarii fi seekyuuritii bay paas kan jedhaman gama miidhaa qaqqabsiiftoota saayberiin ta’uuejansichi ibseera.

 

Yakkamtoonni kunneen yeroo dheeraaf itti qophaa’aa kan turaanii fi ejansichi hordofaa kan ture yoo ta’u, caalumatti Jimaata Waxabajjii 12, 2012 fi Sanbata Waxabajjii 13, 2012 yaalii cimaa taasisuu isaanii ejansichi ibseera.

 

Yeroo kana keessatti dhaabbilee mootummaa 13 fi miti mootummaa 4 yaaliin rakkoo marsariitii irratti akka uumamuuf gochuu beeksiseera.

 

Yaalichi kan xiyyeeffate biyyatiitti marsariitii dhaabbilee gurgurtaa tajaajila mootummaa, waajjiraalee nageenyaa fi dhaabbilee dhuunfaa irratti ture.

 

Kaayyoon isaanii olaanaan hidha haaromsaa irratti keessumattuu guutinsa bishaanii waliin wal qabatee dhiibbaa waliigalaa biyyatti irratti uumuuf yaaduun akka raawwatan ibseera.

 

Ejansichi dhaabbilee fi namoota dhuunfa guyyoota lamaan darban tumsa taasisaan, keessaayyuu Ityoo telekoom fi Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii  galateeffateera.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.