Egzibiishinii fi baazaariin daldalaa, invastimantii fi faayinaansii Dabra Birhaanitti baname
Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Egzibiishinii fi baazaariin daldalaa, invastimanti fi faayinaansii Magaalaa Dabra Birhaanitti baname.
Sirna baniinsa egzibiishinichaarratti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makooniin, Pireezidaantiin Mootuummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.
Egzibishiini fi baazaaricharratti dhaabbiileen Idil Addunyaa, Invastaroonni, dhaabbiileen faayinaansii fi oomishtoonni ni hirmatu jedhameera.
Baazaarichi Magaalaa Dabra Birhaanii fi dhaabbiilee tumsitootaan kan qophaa’e yoo ta’u eegzibishinii fi baazaarichi hanga Amajjii 14’tti kan turu ta’uun ibsameera.
Fiqirta Kabbadaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.