Fana: At a Speed of Life!

Eeritiraa fi Somaaliyaan Sanada waliigaltee gama maraa waliif mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Eeritiraa fi Somaaliyaan dhimmoota diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa, dippiloomaasii fi nageenya naannawaarratti walta’iinsaan hojjechuuf sanada waliigaltee gama maraa waliif mallatteessuu ibsan.

Garee shorokeessaa Somaaliyaa keessa socho’u waraanuun Somaaliyaa qofaaf osoo hin taane nageenya waaraa naannawaa Gaanfa Afrikaaf murteessaa ta’uu biyyoonni lameen beekamtii kennuu eerameera.

Gaanfa Afrikaatti walitti hidhamiinsui diinagdee fi badhaadhinni akka dhugoomuuf nageenyiifi guddinni Somaaliyaa daran murteessaa ta’uurratti waliigaluus ibsameera.

Hariiroon diyaaspooraa fi uummataa biyyoota lameenii akka cimuuf kan hojjetan ta’uu fi  hariiroo siyaasaa fi dippiloomaasii faayidaa biyyaalessaa biyyoota lameenii bu’uureffate akka cimuuf kan hojjetan ta’uu waliif mirkaneessaniiru.

Dabalataanis walta’iinsa gama daldalaa, invastimantii, bishaanii, qonnaa, qabeenya qurxummii, fayyaa fi barnootaa baba’lisuuf waliigaluu ibsameera.

Nageenyaafi tasgabbii waaraan mirkaneessuuf akkasumas gama humna ittisaa fi tikaan tumsaan hojjechuuf waliigaluu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Eeritiraarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.