Fana: At a Speed of Life!

Eeliyaas Dirribaa Badhaaneen kana dura yakka cimaan himatamuun yeroo 3 du’aan akka adabamu itti murtaa’ee turuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC) – Namoota qajeelfamaa fi hojmaata Siiviil Ayiveeshinii camsuun to’annoon jala oolaan keessa Eeliyaas Dirribaa Badhaaneen kana dura maqaa Daawwit Dirribaa Badhaanee jedhuun yakka cimaan himatamuun murtoon adabbii du’aa yeroo 3 itti murtaa’ee turuu Poolisiin Federaalaa beeksiise.

Yakkamaan kun bara 1989 hanga 1999tti maqaa Daawwiit Dirribaa Badhaanee jedhuun yakkoota adda addaa raawwateen himatamuun manni murtii yeroo 3 adabbii du’aa irratti murteessee turuu Poolisiin Federaalaa yaadachiiseera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha yakkaa 2ffaa Mudde 25, 1999 ooleen yakka saamichaa, hannaa, reebichaa, ajjeechaa fi seera camsuun himata irratti dhiyaateen adabbii cimaa umrii guutuu itti murteessee turuu qorannoon poolisii mirkaneesseera.

Yakkamaan kun maqaa Eeliyaas Dirribaa Badhaanee, Jamaal Nuuruu fi Daawwit Dirribaa Badhaanee jedhu fayyadamuun meeshaalee waraanaa 11 saamuu, hanna garaagaraa raawwachuu, namoota 3 ajjeesuu dabalatee yakkoota adda addaa hedduun himatamuun murtoon adabbii cimaa umrii guutuu itti murtaa’ee turuu eereera.

Akkasumas saamicha meeshaa waraanaan deeggarame raawwachuu, yakka mana hidhaa miliquu fi yakka hannaa garaagaraa raawwachuun himatamuun Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha yakkaa 2ffaa Ebla 30, 2000 ooleen irra deebiin adabbii cimaa umrii guutuun adabuu himeera.

Yakkamaan kun murtoo du’aa irratti darbe ol iyyannoon gara umrii guutuutti akka fooyya’uuf taasiisus, irra deebiin iyyannoo dhiyeeffachuun gara waggaa 25tti akka hir’atuuf ta’eera.

Waggaa 17 mana amala sirreessaa erga turee booda dhiifamaan gadi lakkifamuu Poolisiin qorannoo taasiiseen mirkaneessuu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.