Fana: At a Speed of Life!

Eejensiin Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Yuuniyenoota qindeessuun deeggarsa Birrii miiliyoona 11 olitti tilmaamu taasise

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC)- Ejensiin Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Yuuniyenoota Naannoo Oromiyaatti argaman qindeessuun hawaasa Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 11 olitti tilmaamu taasiseera.

Eejensichi midhaan kuntaalaa kuma 20 fi 36 , marga beelii kuma 1 fi 600 akkasumas sanyii filatamaa boloqqee kuntaala 88, Birrii miiliyoona 11 fi 470 oliin bituun bulchiinsaa Godinaa Booranaatti dabarseera.

Itti Aanaa Hogganaa Ejensii Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Waaqjiraan, hawaasa hongeef saaxilame deeggaruuf waldaalee hojii gamtaa naanichaa qindeessuun deeggarsicha taasisuu ibsaniiru.

Ittaanaan Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoo gama isaaniin deeggarsa taasifameef galateeffatnii, hongee dandamachisuuf deeggarsi dabalataa waan barbaachisuuf deeggarsi taasifamuu itti fufuu akka qabu gaafachuu OBN gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun, Jiraattonni Godina Gede’oo Magaalaa Diillaas deeggarsa midhaan nyaataa hawaasa Booranaa hongeen miidhameef taasisaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.