Fana: At a Speed of Life!

Eegzibiishinii fi Feestivaalli Aadaa Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Eegzibiishinii fi Feestivaalli Aadaa Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa magaalaa Boongaatti ifatti eegalameera.

Saganticharratti Ittaanaa Preezdaantii naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo dabalatee Ministeera Aadaa fi Ispoortiitti Ministir Daataan damee Aartii fi Carraa Hojii Uumuu aadde Naafisaa Almahaad fi hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.

Gareen aadaa godinaalee naannichaarraa walitti babba’an, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa egzibiishinii fi feestivaalicharratti hirmaachuu eerameera.

Egzibiishinii fi feestivaalichi mata duree “ Aadaan Keenya Nageenyaa Waaraa fi Tokkummaa keenyaaf” jedhuun kan kabajamu ta’uu fi saboonni naannichaa 13 aadaa isaanii kan irratti beeksisan ta’uu hogganaan Biiroo Aadaa, Tuurizimii fi Ispoortii naannichaa obbo Faantaahuun Bilaateen ibsaniiru.

Egzibiishinii fi feestivaalli aadaa naannichatti yeroo jalqabaaf baname kun hanga Caamsaa 27, 2014tti kan turu ta’uu ragaan kominikeeshinii godina Daawaroorraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.