Fana: At a Speed of Life!

Eebila 30, 2012 eegalee fayyadamtoonni taaksii haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqama jedhame

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Eebila 30, 2012 eegalee tajaajilamtoonni taaksii haguuggu fuulaa fayyadamuun dirqama ta’uu ibsame.
 
Akka Abbaan Taayitaa Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksiseetti, imaltoonni yeroo geejjibaan socho’an haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqama ta’a.
 
Abbaan Taayitichaa guyyaa eerrame kanaa eegalee imaltoonni kamiiyyuu haguuggii fuulaa malee tajaajila taaksii argachuu hin danda’an jedheera.
 
Dhaabbinni Paablik Sarvisii har’aa eegalee tajaajilamtoonni haguuggii fuulaa fayyadamuu akka qaban dirqisiisuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Hanga har’aatti imaltoonni hedduun haguugii fuulaa fayyadamaa akka hin jirre ibsameera.
 
Taarikuu Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.