Fana: At a Speed of Life!

Eebbifamtoonni damee hojii irratti bobba’aniin tokkummaa, nageenyaa fi duudhaalee Ityoophiyaa wantoota qoranirraa bilisa ta’uun biyya isaanii haqummaan tajaajiluu akka qaban ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC) –Eebbifamtoonni bara kanaa damee hojii irratti bobba’aniin tokkummaa, nageenyaa fi duudhaalee Ityoophiyaa wantoota qoranirraa bilisa ta’uun biyya isaanii haqummaan tajaajiluu akka qaban Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nigisuu Xilahuun ibsaniiru.

Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu barattootaa Muummeewwan garaagaraan digirii jalqabaa fi digirii 2ffaan barsiisaa ture kuma 2 fi 324 eebbisiiseera.

Walitti qabaan Boordii Yuunvarsichaa fi Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nigisuu Xilahuun sirna eebbichaarratti argamuun haasawa taasiisaniin eebbifamtoonni bara kanaa damee hojii irratti bobba’aniin tokkummaa, nageenyaa fi duudhaalee Ityoophiyaa wantoota qoranirraa bilisa ta’uun biyya isaanii haqummaan tajaajiluu akka qabu gaafataniiru.

Yuunvarsiitiiwwan iddoo beekkumsii fi yaadoonni gurguddoon itti madduu qaban ta’uun osoo irra jiraatuu dirree garaagarummaan itti babal’atu yeroo ta’an ni muul’atu jedhan.

Kun ammoo daraan qaaneessaadha jedhan.

Dhaabbileen barnootaa iddoo naannummaan, finxaaleessummaa fi dirree jeequmsaa ta’uu hin qaban,iddoo tokkummaa, jaalalaa fi sabdaneessummaan itti dagaagu ta’uu qabu jedhan sirnicharratti haasawa taasiisaniin.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Madda Walaabuu Dooktar Ahimaad Kaaliil gama isaaniin, eebbifamtoonni teeknooloojiiwwan weerara vaayrasii koroonaa ittisan fayyadamuun barnoota isaanii hordofuun akka eebbifaman ta’eera jedhan.

Barattoota sagantaa idilee, galgalaa fi gannaan barnoota isaanii hordofuun har’a eebbifaman keessaa 902 dubartoota ta’uu ibsaniiru.

Eebbifamtoonni beekkumsa argatan gara gochaatti jijjiiruun ummataa fi biyya isaanii tajaajiiluu akka qaban Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kifleen yaadachiisaniiru.

Bara 1999 adeemsaa baruu fi barsiisuu kan eegale Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu kan bara kanaa dabalatee barattoota kuma 30 ol eebbisiisuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.