Fana: At a Speed of Life!

Eebbi jaarsoolii biyyaa bu’uura badhadhinaati – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 2, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad eebbi jaarsoolii biyyaa bu’ura badhaadhinaati jedhan.

Dooktar Abiy kana kan jedhan guyyaa har’aa jaarsoolii Siidamaa waalin dhimmootaa garaagaraarratti wayita mari’ataniidha.

Jaarsooliin Siidaamaa jijjiirramaa mootummaan gaggeeffama jiru deeggaruu fi tumsa taasisuuf ejjennoon isaan qaban kan dinqisifatamu ta’uu himaniiru.

Dooktar Abiy kana dura bakka bu’oota uummataa fi jaarsoolii biyyaa waliin marii taasisuun isaanii ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.