Duuti yoo na dursuu baateef hanga yuunvarsiitiittan baradha- ga’eessa waggaa 53 qormaata kutaa 8ffaa fudhachaa jiru
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Ga’eessi umrii waggaa 53 Abbaa Zawug Baqqalaa Mulaateen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii aanaa 7 mana barumsaa sadarkaa jalqabaa Qaallittiitti qormaata kutaa 8ffaa fudhachaa jiru.
Abbaa Zawug barnoota isaanii sagantaa galgalaan hordofaa turuu ibsameera.
Namni hundi umurii fi dhimmoota biroof osoo hin jilbeenfatiin carraa argatetti barachuu akka qabu fi isaanis duuti dursuunii yoo baatee fi waaqni yoo isaan gargaare hanga yuunvarsiitiitti barnoota isaanii itti fufuun beekumsa argataniin biyya isaanii tajaajiluu akka barbaadan Abbaa Zawug eeraniiru.
Hogganaan Waajjira barnootaa kutaa magaalichaa obbo Ifaa Abisheen gamasaaniin, barnoonni umriin kan hin daangofne fi namni hundi barachuuf sammuusaa qopheessinaan kan isa daangessu kan hin jirre ta’uu Abbaa Zawug fakkeenya ta’uu ibsuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.