Duultoonni humna addaa, humni Eegdoota Rippaablikaanii fi miseensonni humna qilleensaa biyya dhiphina keessaa turte furaniiru – L/ J Baacaa Dabalee
Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) -Duultoonni humna addaa, humni Eegdoota Rippaablikaanii fi miseensonni humna qilleensaa biyya dhiphina keessaa turte rakkoorra furuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti Qindeessaan olaanaan Ijaarsa Raayyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen ibsan.
Duulli boqonnaa jalqabaa injifannoon golobabuu fi ergama murteessaa itti aanu dadamksuuf Adda waraanaatti Waltajjii gaggeeffameerratti Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen argamaniiru.
Uffattoonni qoobii diimaa yeroo murteessaa ta’etti dirqama itti laatame ga’umsaan ba’uun seenaa boonsaa galmeessuu Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen dubbataniiru.
Humnoonni kunneen tarkaanfiin waloon raawwatan injifannoo boonsaa hamilee diinaa cabse galmeessuu kaasaniiru.
Mallattoo dhiiga, wareegamaa fi injifannoo kan ta’an uffattoonni qoobii diimaa ammas injifannoo biroo galmeessuu akka qaban hubachiisaniiru.
Duultoonni humna addaa, humni Eegdoota Rippaablikaanii fi miseensonni humna qilleensaa ijjoollee murteessoo Ityoophiyaa fi Diroonni lafarraati jechuun leellisaniiru.
Farra birmadummaa biyyaa kan ta’an garee shororkeessitootaa ABUT yeroo dhumaaf dhabamsiisuun yeroo dhiyootti oduu missiraachoo injifannoo Maqaleerraa ni dhageessiifna jechuu isaanii Ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.