Fana: At a Speed of Life!

‘Duulli Tokkummaa Sabdaneessaa’ kayyoo isaa bifaa milkaa’een injifannoon xumurameera-Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- ‘Duulli Tokkummaa Sabdaneessaa’ kayyoo isaa bifaa milkaa’een injifannoo xumuruu isaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu haala waqtaawaa biyyaarratti ibsa laataniin, kayyoon olaanaan dulichaas garee shororkeessaa ABUT iddoowwan to’atee turee naannoo Amaaraa fi Affaar qulqulleessee baasuu garichi biyyattiif irra deebiin sodaa akka hin taanee taasisuu ture jedhaniiru.

Duula haleella garee shororkeessaa ABUT irratti humni nageenyaa fi raayyaan ittisa biyyaa fudhataniin gareen kun naannoo Affaarii guutuuma guuttuutti ba’eera jedhan.

Duula kanaan gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaarii guutuummaa guutuu gadi lakkisee ba’uun naannoo Amaaraa iddoowwan qabate gadi lakkisuu himaniiru.

Duula kanaan Ityoophiyaanoonnii fi lammiilee Ityoophiyaa injifataniiru jedhan.

Haamilee fi humni diinni yeroo ammaa irra jiru haala olaanaa rukutameera jedhan.

Raayyaa ittisa biyyaa iddoowwan garee shorkeessaa ABUT gadi lakkisiisee qabatee akka jiru ibsichaan Dooktar Laggasaan himaniiru.

Humnoonni nageenyaa cimina ammarra jiran akka itti fufuun hojiin hojjetama jiru cimee itti fufaa kan jedhan Dooktar Laggasaan, tumsa kanaafis hawaasni deeggarsa taasisuu cimsee akka itti fufuu gaafataniiru.

Naannoo Oromiyaa iddoowwan garagaraatti haleella garee Shororkeessaa Shaneetin miidhaa hawaasaarra ga’aa jiru ittisuuf naannichaatti nageenyaa waaraa buusuuf mootummaan hojii tarkaanfii seeraa barbachiisaa fudhatuu cimsee itti fufaa jedhaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.