Fana: At a Speed of Life!

Duulli Talaallii Vaayrasii Koroonaa biyyaalessaa marsaa 2ffaan eegalamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)– Duulli Talaallii Vaayrasii Koroonaa biyyaalessaa marsaa 2ffaan guyyaa har’aa irraa eegalee torbanoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa  ibsan.

Dooktar Liyaan eegaluu duulichaa ilaalchisee ibsa laataniin duula marsaa jalqabaan lammiilee miiliyoona 10’f talaalliin kennamuu ibsaniiru.

Duula marsaa 2ffaaf talaalliin Vaayrasichaa miiliyoonni 20 raabsamuu kaasaniiru.

Guyyaa har’aa irraa eegalee dhaabbilee fayyaa fi bakkeewwan namoonni itti baayyatanitti talaallichi torbanoota lamaaf kan kennamu ta’uu eeraniiru.

Duula marsaa 2ffaa kanaan namoonni umuriin isaanii waggaa 12 ol ta’ee fi marsaa jalqabaatti talaalicha hin fudhanne kan talaalhifaman ta’uu himaniiru.

Milkaa’ina duula talaallichaaf  qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi ga’ee isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.