Fana: At a Speed of Life!

Duulli talaallii Covid -19 marsaa 2ffaan akka milkaa’u miidiyaalee fi hoggansi tumsa barbaachisu akka taasiisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Duulli talaallii Covid -19 marsaa 2ffaan Gurraandhala 7, 2014 eegalee gaggeeffamu akka milkaa’u miidiyaalee fi hoggansi tumsa barbaachisu akka taasiisan Ministeerri Fayyaa waamicha dhiyeesse.

Weerarri vaayrasii koroonaa sodaa fayyaa lammiilee ta’uun lubbuu galaafachaa waan jiruuf duulli talaallii barbaachisaa ta’uu Ministeera Fayyaatti gargaaraan Daayreektaaraa Fayyaa Haadholii fi Daa’immanii obbo Yohaannis Laaqaw ibsaniiru.

Talaallichaaf Dooziin miiliyoonni 20 qophaa’uun naannolee hundaaf ergamuu dubbataniiru.

Miidiyaalee fi ogeeyyiin hubannoo barbaachisu laachuun hawaasaa baraaruu keessatti qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafataniiru.

Baatii Sadaasaa talaalliin marsaa jalqabaa namoota miiliyoona 10 kennamuu fi marsaa 2ffaan ammoo Gurraandha 7, 2014 eegalee kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Weerara vaayrasii kotoonaa ittisuu fi to’achuuf hojii qindoominaan hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamuu Itti aanaan Daayreektaraa Qunnamtii Ummataa Ministeera Fayyaa obbo Yoordaanoos Allebbaachoon ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa .

Duula kanaan Naannoo Kibbaatti namoota miliyoona 3.2 laachuuf qophaa’uu Preezdaantiin naannoo Ummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.