Fana: At a Speed of Life!

Duulli qorannoo dhibee sombaa eegalamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Guyyaa dhibee sombaa idil addunyaa Bitootessa 15kabajamu sababeeffachuun duulli qorannoo dhibee sombaa eegalamuu ibsameera.

Duulichi guyyaa har’aa irraa eegalee qindeessummaa dhaabbata Riich Ityoophiyaa jedhamuun eegaluu fi guyyoota 10 kan turu ta’uu ibsameera.

Manneen amala sirreessaatti faffaca’inni dhibee sombaa olaanaa ta’uu hordofee guyyaa har’aa sirreeffamtoota mana amala sirreessaa Qaallittiitti qorannoon dhibee sombaa eegalamuu eerameera.

Dhaabbatichi Ministeera Fayyaa, Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbilee biroo waliin ta’uun guyyaa dhibee sombaa sadarkaa idil addunyaatti yeroo 40ffaa sadarkaa Ityoophiyaatti ammoo yeroo 25ffaaf mata duree” dhibee sombaa balleessuuf ga’ee keenya haa baanu, lubbuu haa baraarru” jedhuun kabajuu fi hojii hubannoo uumuu hojjechuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaatti bara 2013 namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 51 dhibee sombaan qabamuu odeeffannoowwan ni mul’isu.

Sadarkaa idil addunyaatti lubbuun namoota miiliyoona 1 fi kuma 400 dhibichaan kan darbu ta’uu qorannoowwan garaagaraa ni addeessu.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.