Fana: At a Speed of Life!

Duulli misooma Sululaa Godina Shawaa Bahaatti eegalee

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Duulli misooma sululaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aattis eegaleera.

Duulichas Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Abdurrahmaan Abdallaa eegalchiisaniiru.

Obbo Abdurhamaan Abdallaa hasaawa taasisaniin Oromiyaatti faalamaa fi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hambisuuf, oomishaa fi oomishtummaa guddisuun diinagdee biyyattii utubuuf hojiin kunuunsa qabeenya uumama fi misooma sululaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabuu Waaqoon gama isaaniin, godinichatti hojiileen misooma sululaa fi kunuunsa qabeenya uumamaatiin lafti hektaarri kuma 137 ol irratti sululaan 264 ol kan misoomuu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.