Fana: At a Speed of Life!

Duulli Misooma sululaa Amajjii 9 eegala

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)-Duulli hojii misooma suluulaa guyyoota 60’f turu Amajjii 9, 2016 akka eegalu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Duulli hojii Eegumsa Biyyeefi Bishaanii Bona kana tajaajila lammummaan qaamolee hawaasaa hundaa haala hirmaachiseen ni eegala jedhameera.

Haaluma kanaan hawaasni, caasaaleen qonnaa, qooda fudhattoonniifi Hooggansi sadarkaan jirtan meeshaalee hojichaaf barbaachisan hunda dursanii qopheeffachuun Amajjii 9, 2016 tokkummaadhaan bahuun, duula hojii misooma suluulaarratti akka hirmaatan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun dhaamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.