Fana: At a Speed of Life!

Duulli kunuunsa Ashaaraa Magariisaa Oromiyaatti bor eegala

Finfinnee, Mudde 10, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti duulli kunuunsa Ashaaraa Magariisaa Boru kan eegalu ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa Beeksise.

Duulichaan kunuunsa biqiltuu, hojiin misooma sululaa fi dhaabbii biqiltuu kan gaggeeffamu ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Obbo Geetuun akka ibsanitti, hojii inisheetivii Ashaaraa Magariisaa waggoottan arfan darban hojjetamaa turaniin qabeenya uumamaa kununsuu, qabeenya uumamaa manca’e deebisuu fi isa jiru misoomsuun kunuunsuuf kan kaayyeeffame ta’uu ibsaniiru.

Duula sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeeffamaa tureen akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 25 dhaabbate keessaa biqiltuu biiliyoona 13. 6 Naannoon Oromiyaa dhaabuu ibsaniiru.

Naannichattis bosanni duraan dhibbeentaa 18 irra ture yeroo ammaa kana dhibbeentaa 26.6 ga’uu ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.