Fana: At a Speed of Life!

Duulli marsaa jalqabaa garee ABUT irratti fudhatame milkiin xumuramu Dooktar Abiy ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Duulli marsaa jalqabaa garee ABUT irratti fudhatame milkiin xumuramu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Humni Qilleensaa Ityoophiyaa tarkaanfii fudhateen rokkeettoota bakka garaagaraa turan dabalatee meeshaalee waraanaa gurguddaa barbadeessuu danda’uu ibsaniiru.

Akka gabaasa EBCtti rokkeettoonni kunneen hanga kiilo meetira 300tti furguggifamuu kan danda’aanii fi garichi rokkeetoota kanneenitti fayyadamuuf feedhii qabatuus kuusaa meeshaalee waraanaa gurguddaa Maqalee fi bakka garaagaraa tureerratti tarkaanfii fudhachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.