Duulli hojii misooma Sululaa guyyoota 60f hojjetamaa ture xumurame
Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Duulli hojii misooma Sululaa guyyoota 60f hojjetamaa ture xumuramuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Duula Amajjii 5, 2014 eegalee baatii lamaaf gaggeeffamaa tureen hojiin Birrii biiliyoona 9 caalutti tilmaamamu raawwaramuu biiriichi ibseera.
Sagaanta cufiinsaa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Gooroo Guutuutti qophaa’erratti kan argaman itti aanan hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir, duulichaan hojiin eeggumsa biyyee fi bishaanii milkaa’ina qabu hojjetamuu himaniiru.
Lafa hektaara miiliyoona 2.5 irratti hojii misooma Sululaa hojjechuuf karoorfamee lafti hektaarri 2.4 raawwatamuu kaasaniiru.
Daagaa akaakuu garaagaraatiif oolan Kiiloo meetira miiliyoona 1.1 hojjechuu karoorfame keessaa dhibbantaa 95 hojjetamuu ibsaniiru.
Ashaaraa magariisaa hojii eegumsa naannoo gargaaru biqiltuu biiliyoona 3.8 biqilchuun danda’amuu obbo Eeliyaas ibsuu DhPI gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.