Fana: At a Speed of Life!

Duulli Birmadummaa Sabdaneessaa injifannoo boonsaa galmeessisu itti fufe – TKM

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Duulli Birmadummaa Sabdaneessaa injifannoo boonsaa galmeessisu itti fufu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan haala yeroorratti ibsa laataniiru.
Duulli Birmadummaa Sabdaneessaa iddoolee gareen shororkeessaa ABUT weeraree ture hedduu bilisoomsaa jiraachuu ibsaniiru.
Iddoolee garicha jala bilisoomaan diinagdee fi hawaasummaan deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ibsa isaanii biroon Jilli Ityoophiyaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu Yaa’ii Turkii – Afrikaa 3ffaarratti hirmaachaa ture yaa’ichaan cinaatti hojiilee dippiloomaasii bu’aa qabeessa ta’e hojjechuun gara biyyaa deebi’uu eeraniiru.
Yaa’ichi dhimmoota hariiroo Turkii fi Afrikaa cimsuu danda’anirratti gaggeeffamaa turuu kaasaniiru.
Turki deeggarsa hunda galeessa biyyoota Afrikaaf taasiisa jiraachuu kaasaniiru.
Jilli kun hariiroo waloo Ityoophiyaa fi Turkii haala cimsuun danda’amurratti mariiwwan bu’aa qabeessa ta’an taasiisuus eeraniiru.
Biyyoonni Afrikaa waltajjii idil addunyaarratti bakka bu’iinsa haqa qabeessa ta’e akka argatan Yaa’icharratti ajandaa ijoo ta’uun dhimmoota ka’an keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.