Fana: At a Speed of Life!

Duulli Ashaaraa Magariisaa Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti eegalameera

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti duulli biqiltuu dhaabuu Sagantaa Asahaaraa magariisaa Boqonnaa 2ffaa Godinaalee garaagaraatti guyyaa har’aa eegaleera.

Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xijjootti hojiin biqiltuu dhaabuu Ashaaraa magariisaa eegaleera.

Saganticharratti, Itti Gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu eegalchiisaniiru.

Hojii ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin Ityoophiyaan Addunyaaf fakkeenya taateetti jedhan Obbo Fiqaaduun.

Uummanni naannichaa akkuma baratame biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuun sagantaa bara kanaas milkeessuu akka qabu dhaamaniiru.

Akka Godinichaatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoona 229 dhaabuuf qophaa’uun eerameera.

Godina Shawaa Kaabaattis sagantaan ashaaraa magariisaa marsaa 2ffaa bakka Itti Gafatamaan Damee Siiyaasaa Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa argamanitti eegaleera.

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti bakka Sadarkaa Pirezidaantii itti aanaattii Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluu argamuunitti sagantaa Ashaaraa Magariisaa godinichaa eegalchiisaniiru.

Akkasumas sagantichi Godina Baalee Aanaa Goobbaattis eegaleera.

Rakkoo jijjirama qilleensaa uummata qolachuuf hojii Ashaaraa Magariisaa jireenya hawaasaan walitti hidhuun faayidaa olaanaa akka fidutti hojjetamaa jira jedhan Sadarkaa Pirezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abdurahmaan Abdallaan.

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti sagantaan Ashaaraa magariisaa kan eegale yoo ta’u, sagaanticha kan eegalachiisan Hooggannaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ergaa dabarsaniin, Oromoof jiidhii fi gaaddisni waan addaan hinbaaneef, gara duudhaa keenya kaleessaatti deebi’uun qabeenya uumamaa kunuunsuu eegalle cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru.

Godinichatti barana biqiltuu miiliyoona 100 fi miiliyoona 73 dhaabuuf karoorfamee hojiin dhaabbii eegaleera jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.