Fana: At a Speed of Life!

Duulli aramaa Inboccii dhabamsiisuu madda aanniisaa Haroo Dambalii fi Qooqaa eegale

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC)- Duulli aramaa Inboccii dhabamsiisuu madda aaniisaa Haroo Dambalii fi Qooqaa guyyoota 30f turu har’a eegaluu ibsameera.

Duulli kun har’a ganama naannoo Haroo Dambaliitti Abbootii Gadaa fi keessummoota akkasumaas hawaasa naannichaatin ifatti eegaleera.

Muuxxannoo duula kanarraa argameen Abbaan Taayitaa Misooma Yaa’awwannii fi mootummaan naannoo Oromiyaa waliin ta’uun iddoolee filataman irraa aramicha dhabamsiisuuf kan hojjetan ta’uu ibsameera.

Humna namaan lafa heektaara 980 irraa aramicha dhabamsiisuuf kan hojjetamu ta’u eerrameera.

Naannoo Hara Dambalitti gandoota 31 keessatti qaamni bishaanii heektaarri kumni 1 fi 126.69 aramaa inbociin weeraramuu ibsameera.

Gandoota aanaalee naannoo Hara Qooqaatti argaman aanaa Booraa, Lumee fi Doddotaa 13 keessatti lafa heektaara kuma 2 fi 842 irratti aramichi babal’achuu himameera.

Harawwan kanneen irraa aramaa kana dhabamsiisuuf duulli guyyoota 30f turu har’a jalqabuu ragaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjiirra argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.