Fana: At a Speed of Life!

Duula sosochii hawaasaa fi qorannoo Covid -19 gaggeeffameen lakkoofsin namoota vaayrasichaan qabaman % 80 dabaluu himame

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Duula sosochii hawaasaa fi qorannoo Covid -19 gaggeeffameen lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman kan duraarra % 80 dabaluu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Guyyoota 12 darban keessatti namoota kuma dhibba 2 qorachuuf karoorfamee, namoota kuma dhibba 1 fi kuma 80 ol qorachuun danda’ameera.
 
Dagannaa muul’ateen lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii fi lubbuun darbanii daraan dabaluu ibsameera.
 
Ministirri Ministeerra Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa hojiilee duulaa hanga ammaatti hojjetame ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Duula sosochii hawaasaa fi qorannoo Covid -19 guyyoota 12 darban gaggeeffameen hojiileen gurguddoon raawwatamuu ibsaniiru.
 
Namoonni vaayrasichaan qabaman sakkatta’iinsa hawaasa gidduutti gaggeeffameen kan argaman ta’uu dubbataniiru.
 
Bu’aan ammaa argamaa jiru murtoo itti aanuuf murteessaa ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Duula kanaan guyyaatti giddugaleessan namoota kuma 15 oliif qorannoon taasifamuu himaniiru.
 
Itti fayyadamni haguuggii fuulaa akka dabaluuf hojii hubannoo uumuu qooda fudhattoota waliin hojjetame karoorrichi galma akka ga’uuf gumaaacha olaanaa taasiseera jedhan.
 
Naannooleetii dhiyeessiin haguuggii fuulaa akka fooyya’uu fi hawaasni haguuggii fuulatti sirnaan akka fayyadamuu itti gaafatamtoota Indaastirii Paarkiiwwanii, dhiyeessitootaa fi hoggantoota naannoolee waliin mariin taasifamuu Dooktar Liyaan eeraniiru.
 
Duula kana keessatti rakkoolee hedduun quunnamuu kan dubbatan Dooktar Liyaan, naannooleen hundi walqixa imaluu dhabuun, galtee fi hanqinni qindoominaan muul’achuu, bu’aan samuudaa dafee ga’uu dhabuun isaan ijoo ta’uu eeraniiru.
 
Duulichi hanga xumuramuutti hanqinni meeshaalee akka hin muudanneef naannooleef meeshaalee yaalaa fi qulqullinaa rabsamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.