Fana: At a Speed of Life!

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu Komaandi Poostiin fudhachaa jiruun naannawichatti tasgabbiin argamuu danda’eera – Leetanaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaa

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu Komaandi Poostiin Bahirdaar – Goondar finxaaleyyiirratti fudhachaa jiruun naannawichatti tasgabbiin argamuu walitti qabaan Komaandi Poostichaa fi Ajajaan Kutaa waraana Kaaba Lixaa Letanaal Jeneraal Birhaanuu Baqqalaan ibsaniiru.
Komaandi Poostichi Hoggantoota Koorii, Bulchitoota Godinaa fi qaamolee nageenyaa waliin magaalaa Goondaritti haala yeroo ammaa naannawichaa gamaaggameera.
Haalli nageenyaa yeroo ammaa naannawichaa fooyya’aa dhufuu Leetanaal Jeneraal Birhaanuun himaniiru.
Hawaasnis gara jireenya tasgabbii qabutti akka deebi’an haalli mijataan uumamuu kaasaniiru.
Raayyaan Ittisaa tarkaanfii qindaa’aa finxaaleyyiirratti fudhatu cimsuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Naannichatti nageenya waaressuuf Raayyaan Ittisaa dirqama isaa itti gaafatamummaa olaanaan bahachaa jiraachuu himuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.