Fana: At a Speed of Life!

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti ummanni Tigraay adda durummaan fayyadamoo ta’aniiru – Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Mootummaan Federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu irra deebiin mirkanaa’aa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksise.
Yaa ta’uutii sosochii olaantummaa seeraa kabachiisuu taasiifamu keessatti wanti saba yooka loogiin tokko jira jedhu yaada dogongoraa ta’uu waajjirichi ibsa har’a baaseen eereera.
Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu yeroo ammaa naannoo Tigraayitti hojjetamaa jiru garee biyya diiguuf socho’u, finxaaleyyii fi shiraan guutame irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaamni kaamiiyyuu sirriitti hubachuu qaba jedhame.
Cancala garee yakkamtootaa kana kutuuf mootummaan federaalaa murannoon hojjechaa jiraachuu waajjirichi ifoomseera.
Duula hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kana keessatti ummanni Tigraay adda durummaan fayyadamoo ta’aniiru kan jedhe ibsichi, kaayyoon duulichaa Ityoophiyaa sabdaneessaan boontu, sabaa fi sablamoonni tokkummaan keessa jiraatanii fi badhaate arguudha jedhame.
Ummanni Tigraay ummata keenya, ummata kanarra rakkoon kamiiyyuu akka qaqqabu hin barbaannu, qaama kana raawwatuufis obsa hin qabnu jedhe ibsi waajjirichi baase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa. Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa. Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.