Fana: At a Speed of Life!

Duukamitti proojektoonni adda addaa ijaarramaa turan eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 29, 2013 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Duukamitti proojektoonni adda addaa Birrii biiliyoona 1.2 ijaarramaan eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti Jilli Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa aaadde Loomii Badhootiin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Duukamitti proojektoota barana hojjetamaa turan eebbisuun hojii eegalchiiseera.

Magaalaa Duukamitti barana proojektoota gosaan 45 ta’an, saayitii 138 irratti baajata bulchiinsa magaalaa fi hirmaannaa uummataa Birrii biiliyoona 1.2 ta’uun hojjetamaa jiran marsaa tokkoffaan eebbifamaniiru.

Kutaan Baqaqsanii Yaaluu (Operation Room) Buufata Fayyaa Duukam baasii Birrii Miliyoona 4.8 ta’uun hojjetame kanniin eebbifaman keessa tokkoo ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.