Fana: At a Speed of Life!

Duudhaaleen biyya keessaa nageenya waaraaf gahee olaanaa qaban 72 adda baafamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Duudhaaleen biyya keessaa nageenya waaraaf gahee olaanaa qaban 72 adda baafamuu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeercihaa Obbo Taayyee Danda’an akka ibsanitti, ministeerichi dhuudhaalee ijaarsa biyyaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf “Deskii Qabeenyaa Hawaasummaa” gurmeessuun hojjechaa jira.

Sadarkaa biyyaalessaatti walitti bu’iinsa furuuf kan gargaaraan duudhaaleen ijoo biyya keessaa 72 addaa baafamuu ibsanii, sanadoonni duudhaalee biyya keessarratti xiyyeeffatan qophaa’uu TOI gabaaseera.

Fuuldurattis kutaaleen hawaasaa hunduu kan irratti waliigale haala gurmaa’ee fi jijjiirama fiduu danda’uun akka hojiirra oolan akkeekaniiru.

Duudhaaleen naannawaa kamiiyyuu qabeenyaa waloo biyyaalessaa ta’uu hawaasa hubachiisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Gama kanaan hayyoonni, hayyoonni siyaasaa fi abbootiin qabeenyaa gahee addaa durummaa isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Maatiinis lammiilee naamusa gaarii qaban horachuuf duudhaalee jiran ijoollee isaanii sirriitti barsiisuu akka qaban himaniiru.

Miidiyaaleenis duudhaaleen akka cimaniif gahee gama isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.