Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee Walgargarsaa Uummataatti fayyadamuun rakkoolee hawaasummaa hiikuun ni danda’ama – Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Duudhaalee Walgargaasaa Uummataatti fayyadamuun rakkoolee hawaasummaa uummata keessa jiran hiikuun kan danda’amu ta’uu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa beeksiise.

Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa haala qabatamaa Gumii Walgargaarsaa Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa irra jiru Magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Konfiransii Gumii Walgargarsaa Hawaasaa kana irratti bakka buutoonni caasaaleen birichaa godinaalee fi aanaalee hundi irratti hirmaachaa jiru.

Bakka bu’aan hoggantuu biiroo dhimma hojjetaa fi hawaasummaa Oromiyaa obbo Birihaanuu Taaffasaan haasawaa taasisaniin,
kaayyoon waltajjichaa gumii walgargaarsaa hawaasummaatiin hojiilee akka naannootti hojjetaman gamaaggamuun muuxannoowwan gaggaarii cimsanii itti fufsiisuudha jedhan.

Bakkeewwan hojichi itti laafan jedhamuun adda ba’an irrattiis xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbata UNCEF Damee Oromiyaa irraa waltajjicharratti kan argaman obbo Fiqaaduu Waaqjiraan gama isaaniitiin, rakkoon hawaasummaa hawaasa keessa jiru marti carraaqqii mootummaa fi qaamolee deeggartootaan qofa hiikamuu akka hin dandeenye muuxannoo hanga yoonaa argamerraa mirkaneessuun danda’ameera jedhan.

Duudhaalee gabbatoo walgargaarsaa hawaasaa ummata keessa jiran fayyadamuuf hojiin akka paayleetiitti Naannolee Tigraayiifi Oromiyaatti hojjetamn bu’aa qabeessa ta’anii argamaniiru jedhan.

Gumbiiwwan duudhaalee hawaasaa akkasii cimsanii itti fayyadamuun rakkoolee hawaasummaa hiikuu keessatti tattaaffii taasiifamuf UNCEF deeggarsa taasisu cimsee itti fufaas jedhan.

Waltajjicharratti waraqaan qorannoo mata duree Haala Waliigalaa Gumii Walgargaarsaa Naannoo Oromiyaa jedhunn qophaa’e dhiyaatee mariin irratti taasiifamaa jira.

Bizualem Beenyaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.