Fana: At a Speed of Life!

Dureeyyiin Kooriyaa Itiyoophiyatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Itiyoophiyatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an gaafatameera.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Gofeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kaangi Juungi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniis dhimmoota gamlameerratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, hariiroon biyyoota lameenii dhiigaa fi lafeen kan michoome ta’uu Dooktar Kaasaahuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Oomishaaleen qonnaa Itiyoophiyaa gabaa Kooriyaatti dhiyaatan akka dabalan, abbootiin qabeenyaa Kooriyaas diinagdee Itiyoophiyaa guddachaa dhufee fi haalaa mijataa invastimantiif uumameen hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an gaafataniiru.

Ambaasaaddar Kaangi Juungi gama isaaniin, hojiilee waaraa hojjechuun hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuun, walta’iinsa diinagdee, daldala dijitaalawaa fi aadaa waljijjiiruu akkasumas dhimmoota walfakkaatan biroorratti waloon hojjechuuf fedhii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.