Fana: At a Speed of Life!

Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat miidhaa Wallagga Lixaatti qaqqabe balaaleffatan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat Wallagga Lixaa Aaanaa gullisootti miidhaa lammiilee nagaarratti qaqqabe balaaleffataniiru.

 

Lammiilee miidhamaniif gadda itti dhaga’ame ibsuun, maatii isaaniif jajjabina hawwaniiru.

 

Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat miidhaa qaqqabe ilalaalchiisuun ibsa baasaniin, warren miidhaa qaqqabsiisan too’annoo seeraa jala ooluun akka itti gaafatamuu qaban ibsaniiru.

 

Miidhaa dabalaa dhufe kan hir’isuuf qaamooleen dhimmi ilaalatu xiyyeeffannoon hojjechuu aka qabu hubachiisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.