Fana: At a Speed of Life!

Dura Taa’aa haaraan Komishinii Gamtaa Afrikaa aangoo isaanii ifatti fudhatan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 ( FMC)- Dura Taa’aa haaraa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf dabalatee hoggantoonni haaraan komishinichaa aangoo isaanii ifatti fudhataniiru.

Sagantaa aangoo walitti dabarsuu kanarratti Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa  kan ta’an Pireezidaantii Angoolaa Jaa’aawoo Looreensiifi hoggantoonni komishinichaa haaraan akkasumas keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 38ffaa Guraandhala 9 fi 10, 2017 gaggeeffameen Mahaammud Alii Yusuuf Dura Taa’aa Komishinichaa, Ambasaaddarri Aljeeriyaa Salmaa Maaliikaa Hadaadiin ammoo Dura Taa’aa Itti Antuu ta’uun filatamuun kan yaadatamudha.

Haaluma Kanaan Mahaammud Alii Yusuuf Dura Taa’aa duraanii komishinichaa Muusaa Faaqii Mahamat, Salmaa Maalaakaa Hadaadiin ammoo Dooktar Mooniik Nisaanzaabaagwaa irraa aangoo fudhachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.