Fana: At a Speed of Life!

Dura Taa’aa haaraa Gamtaa Afrikaaf sagantaan baga gammaddanii gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC)- Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa ta’uun kan filaman Pireezidaantii Moritaaniyaa Mahaammad Uuldi Al Gazuwaanii dura taa’ummaan filamuu isaaniif sagantaan baga gammaddanii gaggeeffameera.
 
Sirna Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti gaggeeffamerratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon argamaniiru.
Saganticharratti Pireezidanti Mahaammad Uuldi Gazuwaniin, turtii Itiyoophiyaatti qabaatanitti gammadoo ta’uu ibsanii, keessummeessummaa taasifameef galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
 
Pireezidaantiin Senegaal Mahammad Uuldi Al Gazuwaaniini Pireezidantii Duraanii Seneegaal Makii Saalin bakka bu’uun waggaa tokkoof Dura Taa’aa Gamtaa Afrikaa ta’uun kan hogganaaniidha.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.